Dhibee vayireesii tiruu “B” (Hepatitis B Virus)

Addunyaa keenya irra namoonni gara biliyeena 2 (2,000,000,000) ta’an vaayiresii kanaan kan qabaman yoo ta’u hedduun isaanii dhiiga isaanii keessaa ittisni qaamaa (immunity) lolee kan balleessu dha. Haa ta’u malee namoota gara miliyoona 300 (300,000,000) ol kan ta,an vaayiresiin hepatitis B kun qaama isaanii keessa jiraata. Kanneen keessaa kan walakkaa miliyeenaa ta’an wagga tokko keessatti lubbuun isaanii sababa vaayiresii kanaa ni darba.
Gara biyya keenyaatti yoo dhufnu qorannoowwan vaayiresii tiruu gosa B kana ilaachisee geggeefaman argannoon isaanii addaa adda ta’us, argamni vaayiresichaa baay’ee olka’aa fi yoo xiqqaate dhibbeentaa 8 ol akka ta’e walii galu. Argamni vaayiresii kanaa biyya keenya keessatti akka dhaabbanni ittisa fi to’annoo dhukkuubootaa (CDC) gabaasetti dhibbeentaa 10 haga 20 ta’a. Kana jechuun namoota kudhan keessa namni tokko vaayiresii kana of keessaa qaba, nama biraatti dabarsuu danda’a jechuudha.
Akkaataa daddarbiinsa vaayiresii Hepatitis B
Vaayireensiin kun akkaataan namaa namatti daddarbuu isaa vaayireesii HIV waliin kan walfakkaatu ta’ee, dandeettiin daddarbuu isaa kan vaayiresii HIV harka 100 oliin caaludha. Vaayirasiin hepatitis B kun karaan ittiin daddarbu inni guddaa karaa qunnaamtii saalaa fi meeshaalee qara qaban waliin fayyadamuudhaani. Akkasumas haadha irraa dhalatti (yeroo da'umsaa fi gadameessa keessatti), dhangalaa'aa kaamiyyuu qaama dhukkubsataa irraa gara nama fayyaatti faca'uun ni daddarba.
Namoota addatti vaayiresii hepatitis B kanaaf saaxilamoo ta’an
Nammoota mana yaalaa keessa hojjatan, ogeessota fayyaa dabalatee (dhangala’aa qaama dhukkubsataa keessaa ba’uuf saaxilamoo waan ta’aniif; namoota qunnaamtii saalaa of eeggannoo hinqabne namoota addaa addaa hedduu waliin raawwatan; dubartoota mana bunaa keessa galiif walqunnaamtii saalaa dalagan (commercial sex workers) fi kanneen biroo.
Mallattoolee dhibee vayireesii hepatitis B
Vaayiresiin hepatitis B nama tokko erga qabatee booda waggoota dheeraadhaaf mallattoo tokko illee osoo hin argisiisiin dhokatee jiraata. Yeroo kana namoonni vaayiresii kana qaban (baataa) gara nama biraatti dabarsu. Waggoota dheeraa erga nama keessa turee booda vayireesiin kun suuta suutaan seelota tiruu ajjeessuun hojii ala taasisa. Kanneen biroo ammo tiruu isaanii kaanserii tiruu (hepatocellular carcinoma) qabsiisa.
Vaayiresiin kun dhukkuboota kana erga namattii fidee booda, mallattoowwan miidhamuu ykn dadhabuu tiruu argisiisan mul’isa. Mallattoon dhukkuba kana keessaa:
- qaamni guutummaa guutuutti (keessumaa garaan) dhiita’uu,
- halluun ijaa gara keellootti jijjiiramuu,
- haalluun fincaanii bifa cocacolla fakkaachuu,
- dadhabsiisuu, nyaata jibbisiisuu, balaqqamsiisuu, dhagna gubsiisuu fi kanneen birooti.
Dhibee vaayiresii tiruu ofirraa ittisuuf of eeggaannoon godhamuu qaban
- Walqunnaamtii saalaa of eeggannoo hin qabne irraa of qusachuu
- Meeshaalee qara qaban waliin qooddachuu dhiisuu
- Nama dhibee kanaan qabame yoo kunuunsinu golgituu harkaa (glove) godhachuu
- Talaalliin hepatitis B fudhachuu. Talaallii kana fudhachuun haga dhibbeentaa 90 umrii guutuu dhukkubicha namarraa dhorkuu danda'a. Talaalliin kun keessuma namoota mana yaalaa keessa hojjataniif namoota qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin taasisaniif hedduu barbaachisaadha.
Taalaalliin kun namaoota umuriin keenya sadarkaa daa'immanii ol ta'eef kilinikoota dhuunfaa hedduu keessatti argama. Daa'immaniif garuu akkuma sagantaa talaalliitti kennamaa jira. - Yoo tarii osoo talaallii isaa hin fudhatiin dhiiga nama dhukkuba kana qabuu waliin walitti buutan, qorichi sa'aa 72 keessatti fudhachuu qabdan (immunoglobulin) ni jira. Kanaaf erga mudatee booda atattamaan mana yaalaa deemuun dirqama.
Yaala vaayiresii tiruu gosa B
Namoonni dhiiga isaanii keessa vayiresiin kun jiraachuu fi jiraachuu dhiisuu isaa hin beekne qaratamuudhaan of beekuun isa jalqabaati. Keessumaa namoonni armaan olitti vaayiresii kanaaf saaxilamoo ta’an atattaamaan qoratamuun barbaachisaadha. Yoo qoratamanii dhiigni ofii vaayiresii kanarraa bilisa ta’uu beekan talaallii vaayiresii kanaa fudhachuu qabu. Namoonni qoratamanii dhiiga isaanii keessa vaayiresiin kun akka jiru beekan, qorannoon laboraatoorii hagam akka tiruun miidhamee fi waantoota gargaraa baarbaachisan tokko tokko agarsiisan dabalataan erga qoratamanii booda sadarkaa qoricha barbaachisu irraa kan ga’anii jiran yoo ta’e, qoricha vaayiresii kanaa gosa garaa garaa waan jiraniif fudhachuun ni danda’ama. Qorichoonni kunis yeroo ammaa biyya keenya keessatti waan argamaniif fudhachuun ni danda’ama.
Onkoloolessa 2025
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Madda:
- Sleisenger and Fordtran's gastrointestinal and liver sdisease pathophysiology/diagnosis/ management of hepatitis B
- Uptodate 20.1: Epidemiology, transmission, and prevention of hepatitis B virus infection
- The American College of Gastroenterology 2018 Clinical Guideline: Alcoholic Liver Disease
- Centers for Disease Control and Prevention, Hepatitis B fact sheets
Dhukkuba Tiibii (Tuberculosis)
Akka lakkoofsa awurooppaatti bara 2023 keessa namoonni miiyeena 10.8 ta’an dhukkuba tiibii kanaan qabamanii namoonni miliyeena 1.25 ta’an ammoo lubbuun isaanii darbeera. Akkuma dhukkuboota infekshiniin daddarban kannneen biroo dhukkubni tiibii kan baay’inaan galaafatu lubbuu namoota biyyoota guddataa jiraniiti.
Dhukkubni tiibii baakteeriyaa xixiqqoo ijaan hin mul’anne kan maayikoo bakteeriyaa tuuberkuloosis (mycobacteria tuberculosis) jedhamaniin kan dhufu yoo ta’u dhukkuboota baakteeriyootaan dhufan irraa kan adda isa taasisu, baakteeriyaan kun qaamota dhala namaa mara kan hubu dha. Yoo xiqqaate namoonni biiliyoona 2 ta’an baakteeriyaa dhukkuba tiibii fidu kanaan qabamanii jiru. Haa ta’u malee baakteeriyaa kanaan qabamuu jechuun dhukkubni tiibii nama qabachuu jechuu miti. Yeroo hedduu qaamni keenya dhukkuba tiibii kana lolee mo’achuudhaan dhukkuba ta’ee akka mallattoo hin argisiisne taasisa. Kanaaf kan namoonni qaamni isaanii dhukkuba ofirraa loluu irratti dadhabaa ta’e akka namoota HIV/AIDs waliin jiraatanii (PLWHA), dhukkuboota kaansarii fi qorichoota dandeettii dhukkuba loluu qaama namaa gadi buusan fudhatan dhukkuba kanaaf baay’ee saxilamoo ta’an.
Akkaataa daddarbiinsa dhukkuba Tiibii
Akkaataan daddarba dhukkuba Tiibii afuuraan namaa namatti kan darbu yoo ta’u, yoo namni tiibii qabu qufa’u cobni bishaanii xixiqqaan afaan dhukkubsataa keessaa gara qilleensaatti faca’uun yoo namni fayyaan qilleensa fudhatu qilleensa waliin gara afaan nama fayyaatti seenuudhaani. Namni dhukkuba tiibii sombaa alaa (fkn tiibii lafee, kan sammuu, kan mar’imaanii fi kkf) qabu dhukkuba kana gara nama biraatti hin dabarsu. Akkasumas namni dhukkuba tiibii sombaa qabu ammoo erga yaala jalqabee ji’a tokkoo booda carraan nama biraatti dabarsuu isaa baay’ee gad aanaadha. Kun garuu dhibee tiibii qoricha waliin walbare hin dabalatu. Gama biraatiin dhukkubni tiibii kun yeroo tokko tokko keessumaa daa’imman xixiqqoo aannan loonii osoo hin danfisiin yoo dhugan dhukkuba kana nama qabsiisuu mala.
Ittisa dhukkuba tiibii
Dhukkubni kun namaa namatti kan daddarbu yeroo hedduu bakka namni walitti baay,atuu fi bakka qilleensi seerana galee hin bane (ukkaamamaa) ta’etti. Kanaaf fakkeenya gaarii kan ta’u geejjiba deddeebisaa ummataa (public transport) dha. Yeroo hedduu geejjiba uummataa keessatti namni walitti dhiiyaatee yeroo dheeraadhaaf kan turuu fi keessumaa foddaaleen konkolaataa yoo kan hin banamne ta’e, carraan afuurri namaa wal jijjiiruu fi cobni bishaanii afaan nama tiibii qabuu kana keessaa ba’ee qilleensa keessa turuu fi gara nama fayyaatti darbuu olka’aadha. Yeroo hedduu gaafa geejjiba deddeebisa uummataa keessa teenyu “qilleensi na rukkutaa foddaa narraa cufi” yoo jedhamu nan dhageenya. Barteen akkasii kun sirrii kan hin taane fi keessumaa daa’imman xixiqqoo, namootaa umuriin baay’ee guddaa ta’an, namoota dhukkuba biraa akka HIV dhukkubsatan carraan tiibiin qabamuu isaanii olka’aa ta’e salphaadhumatti dhukkuba tiibiif dabarsanii kennuu jechuudha. Kaanfuu dhibee Tiibii kana ofirraa dhorkuuf naannoo keenya qilleensi salphaatti akka waljijjiiru taasisuun (akka hin ukkaamamne taasisuu) dirqama. Inni kan biraa aannan gaafa daa’immaniif kenninus ta’e ofii dhugnu seeraan danfisnee dhuguun dirqama.
Mallattoo kamuu kan tiibii fakkaatu yoo ofirratti argan (keessumaa qufaa torban lamaa olii) gara manaa yaalaa deemuun ofii fayyuu irra darbee nama biraatti akka hin dabarre taasisuun illee barbaachisaadha. Namni dhukkuba tiibii akka qabu itti himame, akksumas namni qufaa torban lamaa olii qabu kan mana yaalaa deemee hin ilaalamiin yoo qufa’u akka nama biraatti hin dabarsineef afaan isaa/ishee kafanaan qabatee/ttee qufa’uun dirqama isa/ishee irraa eegamu ba’uu qaba/di.
Namni dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare qabu ammoo haaga yaalamee fayyutti yokaan ogeessa isa yaaluun akka maatiitti yokaan hawaasatti dabalamu itti himamutti manuma yaalaa turee bakka namoota akkasiif yaadamee qophaa’etti yaalamuun dirqama.
Dhukkubni tiibii qaamota keenya keessaa kam fa’i hubaa?
Dhukkubni Tiibii kun akkuma armaan olitti ibsame qaama dhala namaa keessaa walumaa galatti kan inni hin hubne hin jiru jechuun ni danda’ama. Baay’inaan garuu qaama namaa keessaa: somba, xannachoota mar’imaan, sammuu, lafee, kalee, ujummoolee fincaanii fi golgaa onnee kan hubudha. Dhukkuba tiibii kana walumaa galatti tiibii sombaa fi tiibii sombaa alaa (xannachoota mar’imaan, sammuu, lafee, kalee, ujummoolee fincaanii, golgaa onnee fi kkf.) jechuudhaan bakka lamatti qoodnee ilaaluu dandeenya.
Tiibii sombaa: Qaama namaa keessaa sombi yeroo hedduu tiibiidhaan kan hubamu yoo ta’u haawaasa keessattis “dhukkuba tiibii” yoo jedhamu akka waan somba qofa qabatuutti kan ilaalamu kanaafi. Mallattooleen dhukkuba tiibii sombaa kun:
- Qufaasisuu (keessumaa qufaa turban lamaa olii),
- Nyaata jibbisiisuu,
- Ulfaatina qaamaa garmalee gadi buusuu,
- Halkan halkan dafqa cimaa (haga kafana jiisutti) dafqisiisuu fa’i.
Qufaan nama dhukkuba tiibii sombaa qabuu kun yeroo baay’ee kan “hakkitta” qabu yoo ta’u qabaachuu dhiisuus ni mala. Akkasumas waanti yoo qufa’an nama keessaa ba’u (hakkittaa) dhiiga illee qabaachuu mala. Namoonni dandeettiin dhukkuba ofirraa loluu (madiinummaa) isaanii gadi bu’aa ta’e akka namoota HIV/AIDs waliin jiraatanii (PLWHA) fi daa’imman xixiqqoo qufa’uu hin dandeenye irratti mallattooleen baay’een mul’achuu dhiisuu danda’u.
Tiibii sombaa alaa (Extrapulmonary Tuberculosis): Tiibiin sombaa alaa akkataa walduraa duuban yeroo hedduu: xannachoota liimfii, golgaa sombaa, sirna fincaanii (afuuffee fi ujummoolee fincaanii), lafee fi dhuka lafee, golgaa sammuu, garaa fi golgaa onnee huba. Isaan kun kanneen yeroo hedduu hubaman yoo ta’u dhukkubni tiibii qaama kamuu osoo hin dhiisiin ija namaa illee qabachuu danda’a.
Mallattoon dhukkuba tiibii sombaa alaa qaama tiibiin hube irratti hundaa’a. Tiibiin xannachaa, keessumaa xannacha morma irratti yeroo heddduu kan argamu yoo ta’u mallattoon isaa dhiita’uu xannachoota naannoo mormaa irratti argamaniiti. Xannachoonni dhiita’an kun yeroo hedduu yoo qaqqabnu kan hin dhukkubnee fi kan hammaan guddataa deemanidha. Yoo hin yaalamiin ture xannachi dhiita’e kun dho’ee gara alaattii dhangala’aa akka malaa gadi dhangalaasuu danda’a.
Tiibiin garaa yeroo hedduu dhiita’uu garaa kan suuta jedhee guddataa dhufu, dhukkubbii garaa kan walitti fufee dhukkubuu fi dhaqna gubaa qaamaa argisiisa. Tiibiin sammuu mallattoo akka mataa dhukkubbii, mormi socho’uu diduu (yoo sochoosan waan dhukkubuuf), qaama gubaa, yoo hin yaalamiin ture ammoo of wallaalsisuu, qaama hurgufuu fi kkf argisiisuu mala.
Qorannaa dhukkuba Tiibii
Dhukkubni tiibii yeroo heddu dhukkuboota biroo waliin waan walfakkaatuuf qoricha osoo hin jalqabiin dura mana yaalaatti qorannaan adda baasu ni geggeeffama. Kunis qaama tiibiin hube sanarratti hundaa’uun ta’a. Namni tiibii sombaa qabuu fi qufa’u, waan yoo qufa’u ba’u (hakkittaa) fuudhachuun baakteeriyaa tiibii kana maayikirooskooppii fayyadamuun keessa ilaaluu fi raajii (x-ray) qomaa kaasuudhaan sombi akka hubame ilaaluudhaan qoratama. Kan tiibii xannacha liimfii qabu illee akkasuma xannacha hubame sana irraa waan xiqqoo fudhachuu yokaan guutummaatti muranii fudhachuudhaan qorachuun ni danda’ama. Haa ta’u malee yeroo tokko tokko (qorannon dhukkuba tiibii kana adda baasuu yoo dadhabu ykn qorannoon ga’aan yoo dhabamu) hakiimni ykn ogeessi yaalu murteessee qoricha jalqabsiisuu mala.
Yaala dhibee Tiibii
Dhukkubni tiibii akkuma infeekshinoota biroo qoricha kan qabu yoo ta’u, qorichi tiibiif kennamu akka infeekshinoota kanneen biroo torbanootaaf osoo hin taane ji’ootaaf kennama. Dhibeen Tiibii yeroo hedduu qorica ji’a ja’aaf kennamuunyaalama. Qorichi kennamus kunis ji’a jalqabaa lamaan qorichoota gosa afur irraa kan tolfame yoo ta’u ji’oota afran hafaniif ammoo qoricha akaakuu lama irraa tolfametu fudhatama.
Qoricha Tiibii seeraan fudhachuu dhiisuun maal namatti fidaa?
Qoricha tiibiif kenname tasuma adda kutuun sirrii miti. Qorichoonni tiibiif kennaman yeroo tokko tokko mallattoo miidhaa cinaa (side effects) argisiisuu malu. Kanneen keessas kan akka:
- Fincaan garmalee diimessuu,
- Oldeebisuu ykn haqqee,
- Garaa dhukkubbii,
- Milli nama gubuu,
- Gogaa irratti mallattoo tokko tokko mul’isuu,
- Halluu ijaa jijjiiruu,
- Dhageettii gurraa hubuu fi kkf fa’i.
Namni qoricha Tiibii kana fudhatu yoo mallattoowwan kana of irratti arge, gara mana yaalaa deemee ogeessa fayyaa waliin mar’achuu qaba malee tasumaa qoricha addaan kutuu hin qabu.
Namni qoicha tiibii fudhatu yoo qoricha osoo hin xumuriin addaan dhaabe, yokaan akkaataa ogeessii fayyaa ajaajetti fudhachuu dhiisee yoo kan addaan kukkutu ta’e carraan baakteeriyaan tiibii sun qoricha waliin wal baruu olka’aa ta’a. Dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare yaaluuf ammoo yeroo ji’oota 18 haga 24 (wagga lama) waan barbaaduuf, jalqaba of eeggachuutu gaarii ta’a.
Dhukkuba Tiibii qoricha waliin walbare
Dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare gaafa jedhamu ni dhaga’ama. Dhukkubni tiibii akkuma dhukkuboota tokko tokkoo qoricha tiibii waliin walbaruudhaan, yoo qoricha sana fudhatan fayyuu dhiisuu mala. Kun ammoo rakkoo cimaa hawaasa irraan ga’a. Maatii tokko keessa namni dhukkuba tiibii qoricha waliin walbare kana yoo qabaate, namootni inni dhukkuba kana itti dabarsus dhukkubuma gosa sanaan (kan qoricha waliin walbareen) qabamu. Dhukkubni tiibii qoricha waliin walbare kun ciminaan kan walcaalu yoo ta’u, kan baay’ee cimaa fi yaaluuf rakkisaa ta’u yoo qorichoota hedduu waliin kan walbare ta’edha. Dhukkubni tiibii qoricha waliin walbare dhukkuba isa qoricha waliin walhinbariin caalaatti yaala yeroo dheeraa kan barbaaduu fi akkasumas carraan lubbuu galaafachuu isaa olka’aa kan ta’e dha.
Namoonni dhukkuba qoricha waliin wal bare kanaan qabamuuf carraa ol’aanaa qaban:
- Namoota kanaan dura dhukkuba tiibiin qabamanii yaalamanii yeroo lammaffaaf ykn isaa oliif itti deebi’e;
- Namoota qorichi sirriin hin kennamneef ykn seeraan hin fudhanne
- Sababa hojii isaanii carraa namoota tiibii qaban waliin irra deddeebi’anii walarguu qaban (akka ogreyyii fayyaa) fa’i.
Walitti dhufeenya dhukkuba HIV/AIDs fi dhukkububa Tiibii.
Dhukkubni HIV kan lubbuu namaa galaafatu ofii isaatiin osoo hin taane, dhukkuboota biroof nama saaxiluudhaan dha. Kanas kan taasisu sirna qaama keenya keessaa dhukkuba nurraa lolu yokaan madiinummaa (immunity) jedhamu dadhabsiisuudhaan carraa dhukkuboota nama fayyaa hin hubneen hubamuu keenyaa olkaasa. Dhukkubni HIV kunis kan seelota dhukkuba nurraa lolan gadi buusu keessumaa yeroo dheeraa kan namarra ture yoo ta’ee fi yaala kan hin arganne yoo ta’eedha. Dhukkuboota carraa HIVn uume kanatti fayyadamuudhaan dhala huban keessaa inni hangafni Tiibiidha. Dhukkubni Tiibii kunis Tiibii sombaa qofa osoo hin taane tiibiin sombaa alaa illee nama HIV qabate kana irratti akka baay’atu beekamaadha. Kanaaf namni dhukkuba tiibii qabu dhukkuba HIVf illee qoratamuu akka qabu kan himamu. Dhukkubni Tiibii dhukkuba HIV kana waliin wal gargaaree akka nama hin hubne taasisuudhaaf, utuu dhukkubni HIV kun namarra hin turiin (osoo fayyaa jiranii) of qorachiisuudhaan of beekuu fi qoricha HIVf kennamu seeraan fudhachuun barbaachisaadha. Kunis qorichi HIVf kennamu kun, seelota dhiiga nurraa lolan qaama keenya keessatti argaman waal baay’ina isaanii dabaluuf dha. Kana gochuun dhukkuba tiibii qofa osoo hin taane dhukkuboota biroo HIV waliin walqabatanii dhufan namarraa ittisa.
Onkoloolessa 2025
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Madda
- Harrisons Principles of Internal Medicine: part 5, section 8: Mycobacterial disease, tuberculosis
- Center for disease control (CDC): Tuberculosis (TB) disease, risk factors and symptoms
- UpToDate: Clinical manifestations and evaluation of pulmonary tuberculosis
- World Health Organization (WHO): prevalence of tuberculosis
Kaanserii Ulaa Gadameessaa (Cervical Cancer)
Kaansarii ulaa gadameessaa Maalii? (cervical cancer): Qaama kaanseriin kun hubu kan seerviksii jedhamu irraa yoo jalqabnu, seerviksiin qaama gadameessaa keessaan isa gara qaama saalaatti gadi aanee, qaama saalaa fi gadameessa gidduutti argamudha. Kaanseriin ulaa gadameessaa yokaan sarviksii akkuma kaanseriiwwan qaamota biroo ka uumamu, baay’achuu (walhoruu) seelotaa toa’aannaa alaa yoo ta’u erga yeroo dheeraa turee booda gara qaamota biroottti illee kan baballachuu danda’udha.
Kaanseriin ulaa gadameessaa kun yeroo dheeraadhaaf biyyoota guddatan keessatti kanserii dubartoota lubbuu galaafachuudhaan sadarkaa 1ffaa irra ture yoo ta’u, sababa qorannaa (checkup) fi maloonni ittisa garagaraa, akkasumas dhukkubicha dafanii adda baasanii yaaluun babal’achaa tureef kun isaaniif seenaa ta’ee hafeera. Biyyoota qorannoon dhukkuba duraa fi hubannoon hatattamaan gara mana yaalaa deemuu, akkasumas argamni yaala dhukkuba kanaa gadi bu’aa ta’e akka biyya keenyaa keessatti garuu, amma illee kaansariin kun lubbuu haadholii fi obboloota keenya dubaraa hedduu galaafachuu itti fufee jira. Qorannaan dhaabbanni fayyaa addunyaa dhukkuba kana irratti geggeesse akka argisiisutti dubartoota kaansarii kanaan du’an keessaa 80% biyyoota guddataa jiran keessaati kan lubbuun darbu.
Kaansarii Ulaa Gadameessaa (Cervical Cancer), maaltuu adda taasisaa?
Ka’umsi isaa beekamaadha:
kaansariiwwan hedduu waantoota namatti fidan adda baasanii beekuun hin danda’amu, kaansariin ulaa gadameessaa garuu vaayirasii Human Vapilloma Virus jedhamuun namatti dhufa. Vayirasiin kun gosoota hedduu qabaatus, kan dhukkuba kana namatti fidan garuu gosa lama, HPV 16 fi HPV 18, kan jedhamanidha. Vaayirasiin kun kan namaa namatti daddarbu karaa walqunnaamtii saalaati! Vaayirasiin kun erga nama qabatee booda waggoota hedduu booda qaama ulaa gadameessaa gara kaansariitti jijjiira. Kan vaayirasii kanaan qabaman hundi kaansariin hin hubaman, gariin akkasumaan vaayirasichi keessaa bada gariin ammo turee gara dhukkuba kanaatti deema.
Ittisuun ni danda’ama:
Inni jalqabaa qunnaamtii saalaa namoota hedduu waliin raawwachuu irraa of eeguudha. Yoo kan hin danda’amne ta’e imoo koondoomii fayyadamuu qabna. Haata’u malee vaayirasiin HPV jedhamu kun qunnaamtii saalaa of eeggannaa hin qabne raawwachuu baatan illee argami (prevalence) isaa bay’ee olka’aa waan taheef dubartoota hedduu keessatti ni argama. Kanaafuu qunnaamtii saalaa irraa of eeggachuu qofti gahaa miti.
Inni lammaffaa qorannoo dhukkuba duraa (screening) isa jedhamudha. Qorannoon kun dubartoota wagga 25 haga 49 ta’aniif waggaa sadi sadi’iin qorannoo akka taasisan gorfama. Dubartoonni wagga 50 haga wagga 64 jiran ammoo waggaa shan shaniin kan qoratamuu qaban yoo ta’u, kanneen waggaa 65 olii ammoo yoo kan duraan akka tasaa hin qoratamiin irraa kan hafe isaan hin barbaachisu. Biyyoota guddatan keessatti qorannaan kun dubartoota hundaaf (screening) yeroo yeroodhaan kennama. Obbolaaniif harmooliin keenya garuu carraa kana hin qaban. Kanaaf dhukkubni kaansarii ulaa gadameessaa akka kaanseriiwwan biroo biyyyoota guddatan osoo hin taane kan hubu biyyoota guddataa jiran kan tahe. Biyya keenya keessatti dubartootni tamboo xuuxuun baratamaa ta’uu baatus tamboo xuuxuun waantoota dhukkuba kanaaf sababa dabalataa ta’an jedhamanii yaadaman keessaa tokko kanaaf tamboo xuuxuu irraas of qusachuun barbaachisaadha.
Karaan kan biroo ittiin ofirraa ittisan talaallii kaanserii kana ittisu fudhachuudhaani. Taalaalliin kaansarii hagam dhukkubicha ittisuu danda’a gaaffii jedhuuf, akka qorannoowwan tokko tokko ibsanitti talaalliin kun namoota talaallii kana fudhachuu isaaniin dura vaayiresii HPV kanaan hinqabamiin yoo fudhatan kaansarii kana haga 100% ittisuu danda’a. Ta’us qorichoonni talaalliif oolan akkuma adda adda ta’an dandeettiin dhukkuba kan ittisuu isaanii illee walcaala. Umuriin itti dubartoonni talaallii kana fudhachuu qaban biyyoota irraa biyyotatti xiqqoo adda adda ta’us, baay’inaan waggaa 12 fi 13 gidduutti kan kennamu yoo ta’u, dubartoota osoo hin fudhatiin isaan jala darbeef ammoo haga waggaa 18tti illee kennuun ni danda’ama. Qorichoonni talaallii kanaaf oolan walumaa galatti, vayiree kaanserii kana nutti fidu HPV gosoota gargaraa qaban nurraa ittisuudhaan dhukkuba kana irraa nama baraara
Mallattoowwan isaa kanserii ulaa gadameessaa maal fa’i?
Dhukkubni kun mallattoo garaa garaa akkuma jabaachaa deemeen ni argisiisa. Namni mallattoowwan kana qabu dhukkuba kana qaba jechuu miti, dhukkuboonni sasalphoon mallattoo sana fidan hedduun waan jiraniif. Bu’aan yaalii dhukkuba kanaa sadarkaa dhukkubiichi irra jiru irratti waan hundaa’uuf kan dafee argame yaalame fayyadamaadha. Mallattoowwan akka:
- Walqunnamtii saalaa booda qaamni saalaa dhiiguu, dhukkubbii yeroo qunnamtii saalaa duraan hin jirre namatti dhaga’amuu
- Marsaan laguu osoo hin dhufiin (yeroo malee) gidduutti dhiiguu, marsaan laguu sababa umuriin erga dhaabbatee booda qaamni saalaa deebi’ee dhiiguu,
- Dhukkubbii garaa gara gadii mallattoowwan armaan olii kana waliin wal qabatee dhufu
Yaala kaansarii ulaa gadameessaa
Biyya keenya keessatti yeroo hedduu mana yaalaa kan deemamu erga mallattoon ba’ee irratti mullatee booda. Kun ammo yeroo baayyee erga dhukkubni kun fagoo deemee fi yaaluun isaa rakkisaa ta’etti. Yeroo mallattoo argisiisees tahu gara mana yaalaa dhufan sadarkaa dhukkubichi irra jiru irratti hundaa’ee yaaliiwwan gara garaa ni kennama. Qorichaan (chemotherapy), xiyyaan (radiotherapy), baqaqsanii muraniii baasuudhaan (surgery), yokaan ammoo walitti qabanii (yaaliiwwan kanneen) kennuudhaan yaalama. Sun ga’ee ogeessa fayyaa, dhukkuba kana yaaluu yoo ta’u, dafnee deemuun immoo ga’ee keenya.
Onkoloolessa 2025
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Madda:
- UpToDate 2018: Recommendations for the use of human papillomavirus vaccines
- WebMD: HPV, Cervical Cancer Vaccine: 15 Facts
- Center for Disease Control (CDC), Gynecological cancers: Basic Information About Cervical Cancer
- Mayo Clinic: Cervical Cancer cause and Symptoms
- National Health Service, UK: cervical cancer prevention
Dhukkubni sukkaaraa maalii?
Qaamni keenya gaafa nyaata nyaannu sana sadarkaa adda addaatti bulleessee, gara giluukoosiiitti jijjiiruun itti fayyadama. Giluukoosii qaama keessaa kana qaamni keenya akka itti fayyadamu kan taasisu hormoonii insuliinii jedhamudha. Hoormoonii insuuliinii jedhamu kana kan oomishu rajiijii dha. Namoonni dhukkuba sukkaaraa qaban dhibeen isaanii hoormooniin insuuliinii jedhamu kun qaama isaanii keessaa oomishamuu dhabuu (yoo dhibee sukkaaraa isa gosa 1ffaa ta’e) ykn ammoo sirriitti dalaguu dhabuu (yoo dhibee sukkaaraa isa gosa 1ffaa ta’e) irraan kan ka’udha. Yeroo insuuliiniin qaama keessaa dhabamu ammoo qaamni keenya giluukoosii oomishe kanatti fayyadamuu waan hin dandeenyeef, giluukoosiin (sukkaarri) qaama keessaa to’annaa malee akka olka’uu fi mallattoolee garagara akka argarsiisu taasisa.
Bara 2025 keessa akka addunyaatti dhibeen sukkarraa namoota miliyoona 800 (800 million) kan qabee jirudha. Akka Federeeshiniin Dhibee Sukkaaraa Addunyaa (International Diabetic Federation) jedhetti, namoota dhibee sukkaaraa qaban kana keessaa miliyoona 230 (230 million) kan ta’an dhibee kana akka qaban hin beekani.
Gosoota dhukkuba sukkaaraa
Dhukkubni sukkaaraa gosoota baay’ee qabaatus baya’inaan kan argaman gosoota gurguddaa lama dha. Isaanis dhukkuba sukkaaraa kan gosa 1ffaa (type 1 diabetes mellitus) fi dhukkuba sukkaaraa kan gosa 2ffaa (type 2 diabetes mellitus) jedhamu. Jarreen lameen akkaataan isaan ittiin namatti dhufanii fi akkaataan isaan itti yaalaman garaagarummaa guddaa qaba.
Dhukkuba sukkaaraa gosa tokkoffaa (type 1 diabetes mellitus) inni jedhamu yeroo hedduu namoota umuriin ijoollee fi dargaggeeyyii ta’an (yeroo baay’ee wagga soddomaa gadi) kan qabatudha. Sababni dhukkuba sukkaaraa gosa tokkoffaa kun namatti dhufu miidhamuu/dhumuu seelota rajiijii (pancreas) keessaa hoormoonii insuuliinii oomishaniiti. Kana irraa kan ka’e, qaama namoota dhibee sukkaaraa gosa 1ffaa qaban keessaa insuuliin guutummaatti dhabama. Mallattoon isaa sadeen yeroo hedduu ittiin beekamu bishaan garmalee dheebochuu, fincaan garmalee baay’isanii fincaa’uu fi nyaata garmalee beela’uudha. Dabalataanis qaama namaa garmalee huqqisuu, dadhabsiisuu fi kkf fiduu danda’a. Yaalli dhukkuba sukkaaraa isa gosa kanaa guyyaa guyyatti (guyyatti al lama ykn isaa oli) insuuliinii waraanuudhaan kennanma.
Dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa (type 2 diabetes mellitus) keessatti ammoo insuuliiniin qaama keessatti haga ta’e ni oomishama, garuu hammaan xiqqaa kan ta’ee fi kan sirriitti Hojii irra hin oolle dha. Gosti kun yeroo hedduu namoota umuriin ga’eessotaaf isaa ol ta’an fi ulfaatinni qaama isaanii olka’aa ta’e kan qabatudha. Gosti kun mallattoo osoo hin argisiisiin waggoota hedduu erga turee booda argamuu danda’a. Waantoonni dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa kanaaf nama saaxilan keessaa:
- Ulfaatinni qaamaa garmalee olka’uu,
- Sosochii qaamaa taasisuu dhiisuu (keessumaa namoota hojii isaanii guyya Guyyaa bakka tokko taa’aanii dalagan),
- Umuriin dabalaa deemuu (akkuma umuriin dabalaa deemeen carraan dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa kanaan qabamuu dabalaa deema)
- Maatii keessa namni biroo dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa kana qabaachuu (fknf haadha, abbaa obbolaan), fi dhukkuboota biroo kan akka dhiibbaa dhiigaa, olka’uu kolesteroolii fa’i.
Haalli yaala isaas qorichoota liqimsaman (kiniinii) fudhachuudhaan kan yaalamuu danda’uu fi sochii qaaamaa taasisuun illee of gargaaruun kan danda’amudha. Gara dhumaatti qorica liqimsamuun yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu’uu baate garuu gara insuuliinii waraanuudhaan yaaluutti deemama.
Dhukkubni sukkaaraa yoo yaalamuu baate rakkoolee akkamii qaqqabsiisuu malaa?
Dhukkubni sukkaaraa kan lubbuu galaafatuu fi umurii namaa hir’isu qaamota dhala namaa keessaa kanneen lubbuun jiraachuuf barbaachisan akka onnee, kalee fi sammuu hubuudhaan dha. Qaamota yoo miidhaman lubbuu hin gaalafanne garuu jireenya keenya guyyaa guyyaa murteessan akka ijaa fi miilla namaa irras miidhaa guddaa geessisa. Miidhaa dhukkubni sukkaaraa qaama irra geessisu tokko tokkoon gabaabaatti akka armaan gaditti ilaaluu dandeenya:
- Kalee: Hojii dhaabuu kalee ykn dhibee dadhabuu kalee (chronic kidney disease) fiduudhaan sadarkaa 1ffaa irratti kan argamu dhibee sukkaaraa ti. Kanaafuu kaleen qaamota sukkaarri miidhu keessaa ishee hangafa yoo taatu, sukkaarri turtii yeroo dheeraa booda kalee miidhee sadarkaa kalee jijjiiruun barbaachisurra geessisa.
- Sirna onnee fi dhiigaa irratti: Dhibeen sukkaaraa keessoo hiddoota dhiigaa miidhuun dhibee onnee (Hojii dhaabuu onnee akka tasaa dabalatee) fi sammuu keessatti dhiiguu ykn dhiigni itituu (stroke) namatti fida.
- Sirna narvii: Hiddoota dhiigaa baay’ee xixiqqoo ta’an (capillaries) kan narvii sooran hubuudhaan sirna narvii keenyaa, keessumaa sirna narvii miilla keessatti argaman hubuudhaan miirri gubuu, wawwaraanuu fi adooduu akka namatti dhaga’amu taasisa.
- Miilla: Akkaataa armaan olitti ibsameen narviin miilaa erga hubamee booda carraan madaa’uu fi infekshinii godhachuu miilaa baay’ee olka’a. Dabalataan miilli nama dhibee sukkaara qabuu kun yoo madaa’ee fi infekshinii godhate, adeemsi fayyuu isaa baay’ee kan harkifatuu dha.
- Ija: Dhukkubni sukkaaraa hiddoota dhiigaa ija keessatti argaman hubuun dhumarratti agartuu balleessa. Dabalataan dhukkuboota ijaa akka kaataaraktii fi glaucoma fa’iif illee nama saaxila.
- Kanneen biroo: Aakkasumas rakkoo gogaa qaamaa, dhageettii gurra hubuu fi kanneen biroo hedduuf nama saaxila.
Dhukkuba sukkaaraaf eenyu fa’itu qoratamuu qabaa?
Namoonni hedduun dhukkuba sukkaaraa osoo qabanii akka qaban waan hin beekneef yaala argataa hin jiran. Keessumaa dhibeen sukkaaraa kan gosa 2ffaa osoo mallattoo hin argisiisin qaama keessa waan turuuf namoonni dhibee kana qabaachuu isaanii hin beekan. Kanaafuu mallattoonis jiraachuu baatu, of qoratanii dhukkuba kana akka qabanif hin qabne beekuun baay’ee barbaachisaadha. Namoonni mallattoo dhibee sukkaaraa qaban dhibee kanaaf qoratamuun akkuma jirutti ta’ee osoo mallattoo hin qabaatiin akkasumaan namoonni qoratamuu qaban kanneen armaan gadiiti:
- Namoota ulfaatinni qaamaa isaanii olka’aa ta’e ykn BMI isaanii 25 kg/m2 ol ta’e fi kanneen armaan gadii keessaa haala tokko ykn isaa ol qaban:
- Sochii qaamaa kan hin taasifne
- Fira dhiigaa dhiyoo (kan akkka haadha, abbaa, obbolaa fi kkf) yoo kan dhukkuba sukkaaraa qaban ta’e.
- Dhukkuboota sirna onnee fi hidda dhiigaa beekame kan qabu/qabdu yoo ta’e
- Dhukkuba dhiibbaa dhiigaa akkasumas, dhukkuba garmalee olka’uu cooma ykn koolesteroolii (hypercholesterolemia) qaamaa kan qabu/qabdu.
- Namootni umriin isaanii wagga 45 ga’e hunduu qoratamuu qabu, yoo bilisa ta’anis wagga sadi, sadiin itti deebanii ilaalamuu qabu.
- Dubartii yeroo ulfaa dhukkuba sukkaaraa yeroo ulfaan qabamtee turte, yoo xiqqaate wagga sadi sadiin qoratamuu qabdi.
- Kanaan dura qoratamanii dhukkuba sukkaaraaf carraan isaan qaban olka’aa ta’uu ogeessa fayyaan kan itti himame jiru yoo ta’e/taate, yoo xiqqaate waggaa waggaatti qoratamuu qabu.
Yaala dhibee sukkaaraa
Yaalli dhukkuba sukkaaraa kan addaan hin citne, yaala umurii guutuuti. Haa ta’u malee haallii fi malli ittiin gosoota dhukkuba sukkaaraa lamaan yeroo darbe ilaalle yaallu garaa gara.
Yaala dhukkuba sukkaaraa gosa tokkoffaa (type I diabetes mellitus): Dhukkubni sukkaaraa gosa tokkoffaa akkuma armaan olitti ibsametti insuuliiniin qaama keessaa waan hin jirreef, hoormoonii insuuliinii bifa waraansaan kennuun dirqama. Hagi ykn ciminni insuuliinii kennamuu akkuma barbaacha dhukkubichaatti olka’uu fi gadi bu’uu danda’a. Isa kana ogeessi fayyaa ilaalee haga (dose) qorichaa sirreessa. Dhukkubsataan insuuliinii fudhatu yoo seeraan olkaa’atuu baatee fi yoo seeraan waraannachuu baate insuuliin sun seeraan hojjechuu hindanda’u. Kanaaf insuuliiniin kun seeraan olkaa’amuu qaba.
Insuuliinii akkamiin olkaa’uu qabnaa? Insuuliiniin ho’a cimaas ta’e qorra cimaan akkasumas ifti aduu kallattiin yoo itti ba’e dandeettiin hojjechuu isaa ni hir’ata ykn ni dhabama. Kanaaf yoo qorrisiistuu (fridge) kan manaa qabnu ta’e bakka xiqqoo qofa qabbaneessu keessa malee tasuma bakka hedduu qorrisiisee cabbii uumu kaa’uu hin qabnu. Bakka ho’aa akka konkolaataa keessaa fi kana fakkaatan illee kaa’uun akkasuma qoricha kana miidha. Insuuliinii yeroo waraannachuuf jennu utuu sirinjii dhaan hin waraabiin dura halluun isaa akka hin jijjiiramiin adda baafachuu qabna. Waraantuu (syringe) ittiin of waraannu bakka qulqulluu kaa’uu, fiixeen ishii gogaa keenya irraa kan hafe waan biraa kam waliin akka wal hin tuqne eeggachuu, nama biraa waliin tasuma waliin fayyadamuu dhiisuuun dirqama. Haaluma kanaan haga (dose) nutti himame sana qodaa insuuliinii keessaa erga marfee (syringe) tti waraabbannee booda, foon irree harkaa kan gara alaa (arm), sarbaa miillaa (tigh), teessuma (buttock) fi garaa irra (handhuura irraa xiqqoo hiiqanii) irra haala ogeessi fayyaa nutti argisiiseen waraannachuu dha.
Yaala dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa (type II diabetes mellitus)

Yaalli dhukkuba sukkaaraa isa gosa lammaffaa kun akkuma armaan olitti ibsame yeroo hedduu qorichoota liqimsaman (oral hypoglycemic agent) yoo ta’an, gostii fi hagi (dose) qoricha kennamuu haala jiru irratti hundaa’uun ogeessa yaaluu fi dhukkubsataan mari’atanii kan murteessanidha. Yeroo tokko tokko ammoo yoo qorichaan to’achuun dadhabamu gara insuuliinii waraannachuutti deemama. Insuulii kanas haaluma armaan olitti ibsameen fudhatama.
Eeggannoo namoonni dhukkuba sukkaaraa (diabetes mellitus) qaban gochuu qaban:
Dhukkubsattoonni sukkaaraa qoricha fudhatan irratti dabalataan haalota jireenyaa isaanii irratti eeggannoof jijjiirama (lifestyle modification) tokko tokko taasisuu qabu, isaan keessaas:
- Yoo qeensa qoratan of eeggannoo guddaadhaan akka of hin murretti qeensa gadi hambisuun qorachuu, kunis yoo madaa’e salphaatti waan hin fayyineefidha.
- Yoo kophee godhatan kophee baba’laa ykn kan duraan kaa'atan irra lakkoofsa tokkoo ol dabalanii kaa'achuu.
- Yoo deeman miilla qullaa fi kopheewwan miilla mulisan kaa'achuu irraa of eeggachuu.
- Miilla isaanii irra yeroo yerootti akka madaan irra jiruuf hin jirre ilaluu/hordofuu.
- Sababa adda addaatiin madaan miilla irratti yoo ba'e akka warra kaanii ofiin fayyuun waan yeroo dheeraa fudhatuuf mana yaalaa deemuu qaban.
- Waantoota qabiyyee sukkaaraa qaban kanneen akka shayii, dhugaatii lallaafaa mi'aawaa, fi kkf. irraa of qusachuu qabna.
- Nyaata coomaa fi dhadhaaan itti baay’ate nyaachuu irraa of qusachuu. Kunis nyaanni kun oofuma isaatiin illee rakkoo qaamota keenya akka onnee fi hiddoota dhiigaa irratti waan fiduuf warra dhukkuba kana qaban irratti ammoo waan irra hammaatuuf.
Garmalee gadi bu’uu sukkaaraa
Sababa adda addaatiin (keessumaa qoricha fudhatanii nyaata osoo hin nyaatiin hafuu) yoo sukkaarri qaama keessaa gadi bu'e (hypoglycemia) mallattoon akka dafqisiisuu, dadhabsiisuu, rukkuttaan onnee garmalee akka nama fiigaa jiruutti rukkutuu fi ofwallaaluu mul’achuu malu. Yeroo kana ariitiidhaan waan sukkaara qabu (akka karamellaa fi lallaafaa) xiqqoo fudhachuudha. Akkuma mallattoon sirraa'een garuu dhaabuun dirqama. Garmalee gadi bu’uun sukkaaraa (hypoglycemia) kun yoo irra deddeebi'ee kan mudatu ta’e, ogeessa fayyaa biratti hordoffii taasisan bira deemuun mariisisuun barbaachisaadha.
Onkoloolessa 2025
Biiroo Fayyaa Oromiyaa
Madda
- International Diabetes Federation. IDF Diabetes Atlas, 11th edn. Brussels, Belgium: International Diabetes Federation; 2025. Available from: https://diabetesatlas.org
- Jameson, J, L., et.al.,.(2018).Harrison's principles of internal medicine volume 2 20th edition (20th Edition). New York: McGraw Hill Education.
- American diabetic association (ADA) 2025.
- World Health Organization: Disease fact sheets.





